Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awurooppaa Itiyoophiyaaf deeggarsa misoomaa taasisu cimsee itti fufa-Amb. Roolaandi

Finfinnee, Mudde 7, 2016 (FBC)-Gamtaan Awurooppaa Itiyoophiyaaf deeggarsa misoomaa taasisuun cimsee itti fufa jedhan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Gamtichaa Roolaandi Kooniyaan.

Ambaasaaddar Roolaandi, Gamtaan Awurooppaa Itiyoophiyaa waliin walta’iinsa misoomaa jabaa akka qabu kaasaniiru.

Ambaasaaddaroonni biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa tibba darbe Ministira Muummee Ittaanaa fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin waliin mariin taasisan milkaa’aa akka ture yaadachiisaniiru.

Dhimmoota siyaasaa, misoomaa, nageenyaa fi tasgabbii, mirga namoomaa, daldalaa, invastimantii fi gamtichi dameewwan deeggarsa taasisu biroorraattis mari’achuun ibsameera.

Fuuldurattis dhimmoota gamtichi deeggarsa taasisuu danda’urratti mootummaa Itiyoophiyaa waliin mari’achuuf qophii ta’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaatti nageenya waaraaf mirkaneessuun diinagdee tasgabbaa’aa ijaaruu fi marii biyyaalessaa milkeessuuf tattaaffii taasiftuuf deeggarsa taasisuu kan itti fufan ta’uu himuu TOI gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.