Gamtaan Awurooppaa hojiilee waliigahiinsa barnootaa guddisuu kan deeggaru ta’uu beeksise
Finfinnee, Amajjii 6, 2017 (FMC)- Gamtaan Awurooppaa hojiilee Ministeerri Barnootaa waliigahiinsa barnootaa guddisuuf hojjechaa jiru kan deeggaru ta’uu beeksiseera.
Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Gamtaa Awurooppaa Soofii Faaroom Imaasbargarni waliin mari’ataniiru.
Maricharratti barnoota haqa qabeessa fi qulqullina qabu lammiileen ga’uu fi tarkaanfiilee jijjiiramaa damee barnoota olaanoon fudhatamaa jiranirratti ibsa kennaniiru.
Qaamoleen tumsitootaa damee barnootaan deeggarsa taasisanis dhimmoota xiyyeeffannaan duraa kennamuuf irratti Ministeera Barnootaa waliin mari’achuun hojjechuu akka qaban kaasaniiru.
Ambaasaaddar Soofii Faaroom Imaasbargarni gama isaaniin ministeerichi barnoota haqa qabeessaa fi qulqullina qabu waliigahuuf hojiilee hojjechaa jiruuf deeggarsa barbaachisaa akka taasisu ibsaniiru.
Qamoleen lameen sirna barnootaa Itiyoophiyaarratti rakkoolee mudatan furuuf tarkaanfiilee fudhatamaa jiran bu’aa qabeessa akka ta’an deeggarsa taasisan cimsanii haala itti fufsiisuun danda’amurratti mari’achuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia