Gamtaan Awurooppaa bu’uura waliigaltee Piriitooriyaan raawwii mootummaa dinqisiifate
Finfinnee, Amajjii 9, 2015 (FBC)- Gamtaan Awurooppaa bu’uuraa waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaan hojiilee mootummaa raawwate dinqisiifate.
Ittaanaa Muummee Minnistiraa fi ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, Gamtaa Awurooppaatti Ergamtuu Addaa Gaanfa Afrikaa Dooktar Aneet Weebar waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin hojiirraa oolmaa waliigaltee nageenyaa Piritooriyaa fi haala yeroo biyyattiirratti mari’ataniiru.
Haaluma kanaan Obbo Dammaqaan waliigaltee nageenyaa Piritooriyaa hojiirra oolchuuf hojiilee bal’aan gaggeeffamuu ibsaniiru.
Tajaajiloonni bu’uuraa akka eegalan, waliingahiinsi deeggarsa namoomaa akka babal’atuu fi Komishiniin haaromsaa hundeeffamuun koomishinarri muudamuu kaasaniiru.
Ityoophiyaan hariiroo Gamtaa Awurooppaa waliin qabdu sadarkaa caalutti ceesisuuf ejjennoo qabdu ibsaniiru.
Gamtichis, galma siyaasaa kan qabuu fi dhimmoota mirgoota namoomaa akka qoratu kn moggaafame barri hojii Garee Ogeeyyii Mirgaa Namoomaa Idil Addunyaa baatii baraa faranjootaa Bitootessaa dhufu booda akka hindheerannee deeggarsa akka taasisu gaafataniiru.
Ityoophiyaan wayita walitti bu’iinsaa sarbama mirga namoomaa ilaalchisuun bu’uura waliigaltechaan ce’umsaan furmaata akka argatu hojjechaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Dooktar Aneet Weebar gama isaaniin, bu’uuraa waliigaltechaan hojiilee mootummaan raawwate dinqisiifachuun, lammiilee deeggarsi namoomaa barbaachisuuf taasifamu cimee akka itti fufu ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.