Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Afrikaa rakkoo nageenyaa Soomaaliyaa fi Chaadirratti mari’achuufi

Finfinnee, Eebila 14, 2013 (FBC) – Gamtaa Afrikaatti Manni Maree Nageenyaa fi Tasgabbii rakkoo nageenyaa Soomaaliyaa fi Chaad muudaterratti mari’achuuf ta’uu ibsameera.
Manni marichaa erga Preezdaantiin Chaad Idiriis Deebey ajjeefamanii waraanni biyyatti adeemsa ilma isaanii bakka buuse mormeera.
Waggoota 30f aangorra kan turan Preezdaantiin Chaad Idiriis Deebey rasaasa finciltootarraa itti dhukaafameen lubbuun isaanii darbuun kan yaadatamuudha.
Oduma walfakkaatuun Soomaaliyaatti sababa filannoo Preezdaantummaa fi naannoo hordofee rakkoon nageenyaa muudateera jedhame.
Torbee darbe paarlaamaan biyyattii yeroon aangoo Preezdaantii Soomaaliyaa Mohaammad Abdullaahii Faarmaajoo waggoota lamaaf akka dheeratu haala amansiisaa hin taaneen murteessuun isaa kan yaadatamuudha.
Rakkoo nageenyaa biyyoota lamaan muudate hordofee Manni Mare Nageenyaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa walga’ii taa’uuf akka ta’e ibsameera.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.