Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Afrikaa Niijeeriin hirmaannaa miseensummaarraa uggure

Finfinnee, Hagayya 16, 2015 (FBC)- Gamtaan Afrikaa bara Faranjootaa Adoolessa 26, 2023 fonqolcha Mootummaa Niijeeritti gaggeeffame hordofee biyyattiin sochiiwwan hundarratti akka hinhirmaanne ugguruu beeksise.

Gamtichi ibsa baaseen dursitoonni foqolchichaa Pireezidaantii filannoon aangoo qabatan Mahaammad Baazumiin hidhaarraa akka hiikanii fi gara mana isaaniitti akka deebi’an waamicha dhiyeessaniiru.

Manni Maree Nageenyaa Gamtaa Afrikaa, gamtaan biyyoota Afrikaa Lixaa giddu seentummaa waraanaaf humna eeggataa sochoosuuf murtee dabarse ilaaluu Rooyitarsi gabaaseera.

Koomiishiniin Gamtaa Afrikaa humnoota akkanaa bobbaasuun akeekaa diinagdee, hawaasummaa fi nageenyaa qabu akka gamaaggamu gaafateera

Gamtaan Biyyootaa Afrikaa Lixaatti diimookiraasii bakka turetti deebisuuf tattaaffiin dippilomaasummaa yoo hinmilkoofne loltoota isa gara Niijeeritti erguuf qophaa’uun beekameera.

Miseensonni Gamtaa Afriikaa hundii fi hawaasni idil addunyaa humna loltootaa Niijeer tarkaanfii seera qabeessa taasisuu irraa akka of qusatan gaafateera.

Afrikaan alatti biyyis ta’e qaamni kamiyyuu giddu seentummaan taasisu fudhatama akka hinqabne hubachiiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.