Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Afrikaa miseensa Gareewwan 20’n (G20) akka ta’u Hindi gaafatte

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2015 (FBC)- Muummeen Ministiraa Hindi Narandiraa Moodiin Gamtaan Afrikaa Miseensaa biyyoota Gareewwan 20’n (G20) jedhamanii akka ta’uuf xalayaa dureewwaniif barreessaniin gaafatan.

Yaa’iin biyyoota Gareewwan 20’n Delhiitti gaggeefamuuf baatiiwwan sadii gadi hafee jirutti, Muummeen Ministiraa Hindii Narandiraa Moodiin Gamtaan Afrikaas garechaatti makamuun Gareewwan 21’n akka ta’uu yaada dhiyeessaaniiru.

Narandiraa Moodiin xalayaa dureewwan biyyootaa Gareewwan 20’n jedhamaniif barreessan kanaan Yaa’ii Delhiitti gaggeeffamuuf jirurratti Gamtaa Afrikaaf miseensummaa guutuun akka kennamu gaafataniiru.

Yaa’iin Gareewwan 20’n Fulbaana dhufu gara jalqabaa akka gaggeeffamu eerameera.

Ta’us, gaaffiin miseensummaa kun fudhatama kan argatu bu’uuraa ulaagaa Gareewwan 20 fi dureewwan biyyoota miseensa ta’anii dhimmicharraatti waliigaluu qabu jedhameera.

Dhimmi kanas Muummeen Ministiraa Hindi Moodiin torban dhufu Waashingitan DC’tti Pireezidaantii Ameerikaa Joo Baayidan waliin marii gaggeessuuf jiranirratti akka kaasaan eegama jedhameera.

Narandiraa Moodiin waltajjiiwwan addunyaarratti sagaleen Afrikaa akka dhaga’amuu fi egeree addunyaa waloo qajeelchuuf ejjennoo qabatanii ka’uun eerameera.

Dhimma kanarratti cichanii qabsaa’uu fi deeggarsa taasisuuf kutannoo argisiisaa jiraachuu ‘The Indian Express’ gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.