Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Afrikaa hirmaannaa miseensummaa Gaaboon uggure

Finfinnee, Hagayya 26, 2015 (FBC)- Gamtaan Afrikaa fonqolcha mootummaa Gaaboonitti gaggeeffame hordofee biyyattii hirmaannaa miseensummaa keessaa ugguruu beeksise.

Hoggantoonni waraanaa Gaaboon tibbana angoo mootummaa to’achuu ifoomsanii turuun kan yaadatamuudha.

Manni Maree Nageenyaa gamtichaa dhimmicha ilaalchisuun, qondaaltonni waraanaa Gaaboon Pireezidaantii Biyyattii Alii Bongoo irratti fonqolcha raawwatan balaaleffateera.

Pireezidaanti Alii Bongoon filannoo pireezidaantummaa biyyattiitti gaggeeffame sagalee %64.27 argachuun marsaa 3ffaaf injifachuun ibsameera.

Fonqolcha mootummaa gaggeeffame hordofees Gamtaan Afrikaa Gaabooniin hirmaannaa miseensummaa kamuu keessaa ugguruu Aljaziiraan gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.