Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Afrikaa fi miseensonni Mana Maree Awurooppaa dhimma Yuukreen irratti mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 24, 2014 (FBC)- Gamtaan Afrikaa fi miseensonni Mana Maree Awurooppaa dhimma Yuukreen irratti gama viidiyoo koonfiransiin mari’achuu gabaafame.

Walga’ichaan rakkoo dhiyeessii midhaan nyaataa  sababa waraanaa Raashiyaa fi Yuukreeniin mudate irratti mari’achuu  Dura Taa’aan Gamtaa Afrikaa Maakii Saal ibsaniiru.

Maakii Saal walga’icha kan gaggeessaan Raashiyaa fi Yuukreen turban muraasa keessatti daawwachuuf fedhii qabaachuu biyyoota lameeniif erga ibsaniin booda ta’uu eerameera.

Daawwannaan isaaniis biyyoonni lameen oomishaalee midhaanii gara Afrikaatti ergaa turan akka itti fufan waliigalteerra ga’uuf kaayyeffachuu CGTN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.