Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Afrikaa fi Dhaabbanni Hojjettoota Addunyaa waliin hojjechuuf waliigaltee waliif mallatteessan

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2014 (FBC)- Gamtaan Afrikaa fi Dhaabbanni Hojjettoota Addunyaa dhimmoota garaagaraarratti waliin hojjechuuf waliigaltee waliif mallatteessan.

Waliigaltecha Dhaabbata Hojjettoota Addunyaatti Ittaantuun  Daayrektara Olaanaa Damee Afrikaa Siintiiyaa Saamu’eel Ooloonjuun fi Gamtaa Afrikaatti Komishinarri Dhimmoota Fayyaa, Mirga Namoomaa fi Guddina Hawaasummaa Miinaataa Seesuumaa Samaatee mallatteessaniiru.

Waliigaltee hariiroo yeroo dheeraa Gamtaa Afrikaa waliin qaban cimsu mallatteessuu dhaabbatichatti Ittaantuun Daayrektara Olaanaa Damee Afrikaa Siintiiyaa Saamu’eel Ooloonjuun ibsaniiru.

Waliigaltechi hojiirra oolmaa ajandaa ardichaa 2063’f ga’ee olaanaa kan qabu ta’uu eeraniiru.

Dabalataanis ajandaa walitti fufaa Dhaabbata Nootummoota Gamtoomanii 2030 fi labsii Abiijaan 2019 Afrikaanota hundaaf haqa hawaasummaa mirkaneessuu jedhu hojiirra oolchuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.