Gamtaan Afrikaa duula haasaa jibbiinsaa ittisuuf kaayyeffatee ifoomse
Finfinnee, Fulbaana 11, 2014 ( FBC)- Gamtaan Afrikaa duula haasaa jibbiinsaa ittisuuf kaayyeffatee ifoomseera.
Gamtichi mata duree ‘haasaa jibbinsaaf bakka hin qabnu’ jedhuun duulicha ifoomseera.
Gamtaan Afrikaa dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii Afrikaa bahaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii namoomaa waliin ta’uun guyyaa nageenyaa Taanzaaniyaatti kabajeera.
Wayita kanattis gamtichi amabaasaaddarota nageenyaa dargaggootaan durfamu duula mata duree ‘haasaa jibbinsaaf bakka hin qabnu’ jedhuu ifatti eegalchiiseera.
Duulli kun namoota dhuunfa fuula miidayalee hawaasaarratti dhiibbaa uumaniin kan durfamu yoo ta’uu, ajandoota adda addatiin marii jibbinsarra bilisaa ta’ee hawaasa keessaatti cimsuuf kan kaayyeffateedha jedhameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.