Gamoon Waajjira Muummee Baankii Daldala Ityoophiyaa sirnoota gargaraatin eebbifame
Finfinnee, Gurraandhala 6, 2014 (FBC) – Gamoon Waajjira Muummee Baankii Daldala Ityoophiyaa handhuura Finfinneetti ijaarame, abbaan darbii 53 sirnoota garagaraatin eebbifameera.
Sirna eebba gamoo kanarratti Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad argamaniiru.
Saganticharratti Ministironni ,Preezdaantoonni naannolee fi keessummoonni adda addaa waamichi taasifameef hirmaataniiru.
Gamoon kun “boca Daayimandii Afrikaa” fakkaatu qabaachuunsaa hawwatummaasaa daraan dabaleera jedhame.
Dheerina meetira 209.15 qabaachuun Afrikaa Bahaatti 1ffaadha jedhame.
Baasii Doolaara miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 3 oliin ijaarramuu ibsameera.
Ijaarsi isaa waggaa 5 fi baatii 11 keessatti kan xumurame ta’uu ibsameera.
Ijaarsa gamoo kanaaf dhaabbileen addunyaa beekkamtii guddaa qaban 29 ta’an, galteewwan ijaarsaa barbaachisu gumaachaniiru.
Baankichi guyyaa hunddeeffama isaa waggaa 80ffaa fi eebba gamichaa bakka hoggantoonni mootummaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamanitti sirnoota adda addaan gaggeessa jira.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.