Fana: At a Speed of Life!

Gamoon Waajjira Muummee Baankii Daldala Ityoophiyaa eebbifame

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2014 (FBC) – Gamoon Waajjira Muummee Baankii Daldala Ityoophiyaa handhuura Finfinneetti ijaarame, sirna addaan  eebbifamuu ibsameera.

Gamoon kun“boca Daayimandii Afrikaa” fakkaatu qabaachuunsaa hawwatummaasaa daraan dabaleera jedhame.

Gamoon abbaa darbii G+48 kun dheerina meetira 209.15 qabaachuun Afrikaa Bahaatti 1ffaadha jedhame.

Gamoon kun tajaajilawwan adda addaa kan kennu yoo ta’u, al-tokkootti konkolaattota 1,500 dhaabsisuu danda’as jedhameera.

Ijaarsa gamoo kanaaf dhaabbileen addunyaa beekkamtii guddaa qaban 29 ta’an, galteewwan ijaarsaa barbaachisu gumaachaniiru.

Gamoon kun liiftii 24, iskaleetars 5 fi sadarkaa (karaa olbahiinsaa) 15 kan qabu yoo ta’u, laayitiing siisteeminii fi teeknoolojiiwwan ittiin ijaarame gamoolee biyyattii keessatti argaman irraa daran adda ta’uu ragaan Baankicharra argame ni muldhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.