Fana: At a Speed of Life!

Gamoon giddugala qorannoo xaafii biyyaalessaa eebbifame

Finfinnee, Fulbaana 27, 2013 (FBC) – Gamoon giddugala qorannoo Xaafii biyyoolessaa birrii miiliyoon 28 ijaarrame magaalaa Bishooftuutti eebbifame.
 
Gamoon Ejansii traanisfoormeeshinii qonnaa Ityoophiyaan sadarkaa idil addunyaan ijaarrame kun bakka Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseenii fi hogganni olaanaan federaalaa, akkasuma Inistiityuutii qorannoo qonna Ityoophiyaa argamanitti har’a eebbifameera.
 
Giddugalli kun qorannoo guutuu gaggeessuuf wantoota barbaachisan hunda kan guuttate ta’uu daayreektarri olaanaan Inistiityuuticha Dooktar Salamoon Caanyaalew ibsaniiru.
 
Giddugala ijaaranii eebbisuun qofti galma waan hin taaneef qorannoo damee xaafiin taasiifamu deeggaruun qonnaan bultoota biratti jijjiirramni qabatamaan akka dhufu xiyyeeffaannan hojjetamu qaba jedhan Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.