Fana: At a Speed of Life!

Gamaaggamni Raawwii karoora baatiiwwan 6 darbanii dhaabbilee miidiyaafi kominikeeshinii federaalaafi naannolee gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 25, 2015(FBC)- Gamaaggamni Raawwii karoora baatiiwwan 6 darbanii dhaabbilee miidiyaafi kominikeeshinii federaalaafi naannolee gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun, Ityoophiyaan dhiibbaalee garaagaraa keessatti dhimmoota hawaasummaa, diinagdeefi siyaasaa irratti jijjiirama qabatamaa galmeessisuu ibsaniiru.

Ityoophiyaatti baatiiwwan jahan darbanitti guddinaafi ijaarsa maqaa gaarii biyyaarratti hojiin miidiyaafi kominikeeshinii cimaan hojjetamuu eeraniiru.

Ityoophiyaatti misooma qamadiin, hojilee bulchiinsa gaarii, kenniinsa tajaajilaafi dhimmoota dippiloomaasiirratti bu’aa jajjabeessaan galmaa’eera jedhan.

Nageenyaafi tasgabbii mirkaneessuuniifi sagantaan Ashaaraa Magariisaan milkaa’inoota akka biyyaatti galmaa’an ta’uu ibsaniiru.

Waliigaltee mootummaafi ABUT gidduutti mallatteeffame bu’uura akka qabatu akkasumas milkaa’inoota biyyaa biroorratti dameen miidiyaafi kominikeeshinii hojii cimaa hojjechuu eeraniiru.

Ilaalchota finxaaleyyii qolachuurrattis hojii jajjabeessaan hojjetamuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Yeroo ittaanuttis ilaalchiota finxaaleyyii qindoominaan qolachuun hojii miidiyaafi kominikeeshinii uummata Ityoophiyaa madaalu hojjechuun barbaachisaa ta’uu yaadachiisaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.