Fana: At a Speed of Life!

Gamaaggamni raawwii hojii waajjiraalee Ministeerotaa bara 2014  gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 29, 2014 (FBC) – Gamaaggamni raawwii hojii waajjiraalee Ministeerotaa bara 2014 Awashitti  gaggeeffamaa jira.

Bakka Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad argamanitti gamaaggamni  raawwii hojii ministeerotaa  gaggeeffamaa jira.

Waltajjichaan waajjiraaleen kunneen raawwii hojii baatiwwan 10 darbanii dhiyeessaniiru.

Bara kana biyyattiin dhiibbaawwan alaa fi keessaa keessa darbitus sochiin diinagdee biyyattii osoo hin danqamiin itti fufsiisuun danda’amuu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan ibsaniiru.

Hojii gama misooma qamadii bonee, daldala shaqaxaa alaa, oomisha alaa kan keessaan bakka buusuunii fi hidha haaromsaa anniisaa maddisiisuu eegalchiisuun hojiin faayidaa qabeessi hojjetamuu ibsuu EBCn gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.