Fana: At a Speed of Life!

Gamaaggamni karooraa qaamolee nageenya fi milishaa Oromiyaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 20, 2014 (FBC) –Waajjirri milishaa Oromiyaa gamaaggama raawwii hojii waggaa bara 2014 fi karoora bara 2015 Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Marichatti hoggansi waajjiraalee milishaa aanootaa fi godinaalee Oromiyaa hirmaachaa jiru.

Hogganaan waajjira Milishaa Oromiyaa obbo Abarraa Buunnoo waltajjicharratti, qabsoo Oromoon sabaa fi sablammoota biroo waliin argamsiise duubatti deebisuuf aggammii diinaa qolataa jirra jedhan.

Diinoonni akka shanee, ergama ABUT fudhachun aggaammii diigumsaa, biyyarratti aggaamanis dhaloonni ammaa hiree argate darbarsee hinkennu jedhaniiru.

Mariin gamaaggama guyyoota lamaaf kan turu yoo tahu dhimmoota nageenyaa fi haala yeroorratti mari’achuun, kallattii ni kaa’aan eegama.

Gammachiis Taarikuutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.