Fana: At a Speed of Life!

Gamaaggamni Karoora Misoomaa yeroo giddugaleessaa waggota 10 eegalame

Finfinnee, Hagayya 15, 2015 (FBC)- Gamaaggamni Karoora Misoomaa yeroo giddugaleessaa waggoota 10 bakka Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffamuu eegaleera.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasumma isaaniin gamaaggama karoorichaa eegaluu ibsaniiru.

Dabalataanis karooraa bara giddugaleessaa 2ffaa (2016-2018) kan gamaaggaman ta’uu eeraniiru.

Akkasumas raawwii karoora 2015 fi kallattiiwwan karoora bara 2016 kan gamaaggaman yoo ta’uu raawwii karoora guyyoota 100 tokkoon tokkoo dhaabbilees akka ilaalaman dubbataniiru.

Waliigalaan diinagdeen Ityophiyaa fi sadarkaa hojiilee hojjetamanii ilaaluuf waltajjichi qophaa’uu Doktar Abiy Ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.