Fana: At a Speed of Life!

Gamaaggamni bu’aa qabeesummaa ijaarsa daandii baaburaa Ityoo-Sudaan Kaartumitti eegale

Finfinnee, Mudde 4, 2015 (FBC)- Daandii baaburaatiin Ityoophiyaa fi Sudaan walquunnamsiisuuf kan gaggeeffamaa ture waltajjii gamaaggama qorannoo bu’aa qabeesummaa har’a Kaartumitti eegale.

Gamaaggamicharratti ogeeyyii fi gorsitoonni biyyootaa lamaanii kan hirmaatan yoo ta’u, qorannoo bu’aa qabeessummaa boqonnaa xumuraa raggaasisuun, fuulduratti tarkaanfiilee fudhatamanirratti mari’achuuf kan kaayyeffatedha jedhameera.

Gamaaggamicharratti Sudaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiiyaa Yibalxaal Ayimiroo, hariiroo ummattoota obbolaa lameeniif ijaarsi daandii baaburaa murteessaa ta’uu kaasanii, boqonnaa murteessaarraa kan ga’e gamaaggama qorannoo duraa raggaasisuun faayinaansii barbaaduun pirojekticha dhugoomsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Hoji Gaggeessaan Daandii Baaburaa Sudaan Injiinar Waaliid Ahimad gama isaaniin, daldala omishaalee galii fi ba’ii biyyoota lameenii saffisiisuu fi hariiroo ummataa cimsuuf, biyyoonni lameen daandii baaburaan walquunnamuun faayida qabeessa ta’uu kaasaniiru.

Waltajjiin qorannichaa guyyoota lamaaf akka turu ragaan Sudaanitti embaasii Ityoophiyaarraa argame ni argisiisa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.