Fana: At a Speed of Life!

Gama Misooma Magaalaatiin hojjetaman ilaalchisee obbo Shimallis Caffeef wayita dhiyeessan

Finfinnee, Adoolessa 18, 2012 (FBC) – Hojiiwwan Bara Kana Gama Misooma Magaalaatiin hojjetaman ilaalchisee Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Caffeef wayita dhiyeessan

Gama Misooma Magaalaatiin uwwisa bu’uuraalee misoomaa guddisuuf bara kana baajata mootummaa, galii mana qopheessaa, fandii baankii addunyaafi hirmaannaa uummataatiin hojii sagantaalee adda addaatiin bu’uuraalee misoomaa proojaktoota 1,395 ummata miiliyoona1.5 fayyadamaa taasisuu kan hojjetamaniifi ummanni miiliyoona7.5 (%80) ta’u humna isaatiin kan hirmaate yommuu ta’u, maallaqaa callaa Birrrii miiliyoona 177.05 (%93)fi meeshaan tilmaamni isaa Birrrii miiliyoona 307.7 (%86) ta’u gumaachamee jira.

Akkasumas, baadiyyaatti safarriifi galmeessi cittuu lafaa miiliyoona 2 ol (%84) kan gaggeeffameefi kaartaa abbaa qabiyyummaa sadarkaa 2ffaa mil.1.9 (%78.9) abbootii warraa kuma 508f kennameera.

Magaalota 35 keessattis mirkaneessaafi galmeessa qabiyyee lafaa kuma 68 raawwachuuf kan hojjetamaa ture keessaa, magaalota 13 keessatti jalqabuun cittuu lafaa kuma 6.3 mirkanaa’ee cittuun lafaa 1,983 sirna kaadasteraatin galmaa’eera.

Ijaarsa seeraan alaa kuma 240.1 keessaa, kuma 74.3 (%31) kan diigame yommuu ta’u, qubannaa seeraan alaa kuma 43.1 keessaa, lafa hektaara kuma 13.7 (%31.8) irratti tarkaanfii fudhachuun istookii mootummaatti akka deebi’u taasifameera.

Misooma daldalaa dagaagsuuf, hojimaata ammayya’aafi seera qabeessa ta’e diriirsuun wiirtuulee 283 irratti tajaajila toorarraa jalqabsiisuun galmeessa daldalaa haaraa kuma 77.5 (%82.2) fi hayyama daldalaa haaraa kuma 92.1 (% 83.5) kennuun danda’ameera.

Gama birootiin, meeshaalee bu’uuraa jireenya uummataaf guyyaa guyyaan barbaachisan irratti qaala’iinsa gatii mul’atu xiqqeessuuf sukkaara kuntaala kuma 788.3, Zayita liitira kuma 265.1 daakuu qamadii kuntaala kuma 681.2 ta’u hawaasaaf akka raabsamu taasifamee jira.

Gama dhiyeessii tajaajila geejjibaatiin bara kana sarara bobbii haaraa 60 banuun waliigala sarara 3,570 irratti bobbiin geejjibaa akka kennamu taasifamee jira.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.