Fana: At a Speed of Life!

Galteewwan wal’aansa fi oomishaalee waraqaa oomisha biyya keessaan bakka buusuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Hagayya 26, 2015 (FBC)- Galteewwan wal’aansaa fi oomishaalee waraqaa guutummaatti oomisha biyya keessaan bakka buusuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Indaastirii beeksise.

Ministirri Ministeerichaa Obbo Malaakuu Allibal indaastiriiwwan oomishtootaa Magaalaa Adaamaatti argaman daawwataniiru.

Dhaabbataa oomisha waraqaa Kurriftuu, Warshaa Jirbii Adaamaa fi naazmeedi Meedikaal Teekistaayilii daawwataniiru.

Indaastiriiwwan oomishaa kunneen oomishaalee biyya keessaatti fedhiin olaanaa qaban oomishaa jiraachuu ibsaniiru.

Keessumaa sharafa alaa olaanaan biyya keessaa kanneen galaan oomishaalee waraqaa fi galteewwan wal’aansaa haala quubsaa ta’een oomishaa jiraachuu Obbo Malaakuun kan ibsan yoo ta’u, oomishaalee kanneen oomisha biyya keessaan bakka buusuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Warshaaleen kunneen damee carraa hojii uumuutiin lammiilee kuma 1 oliif carraa hojii uumaniiru jedhanii, hanqina galteetiin oomisha isaanii akka hinhir’isneef manni hojii ministeerichaa deeggarsaa akka taasisu eeraniiru.

Indaastiriiwan oomishaa dinagdee biyya keessaa kan utubanii fi oomishaa bakka bu’aa fi daldalaa alaatiin guddina bira qaqqabuuf karoorfame milkeessuuf gahee isaanii bahachuu qabu jedhan.

Gama biraatiin Ministeerri Indaastirii bara baajataa 2015 oomishtootaa fi ogeeyyii raawwii olaanaa galmeessaniif beekkamtii kenneera.

Gohi Nugusuutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.