Galteewwan ijaarsaa alaa galan biyya keessatti oomishuuf ni hojjenna- Injinar Taakkalaa Uumaa
Finfinnee, Amajjii 9, 2014 (FBC)- Galteewwan ijaarsaa alaa galan biyya keessatti oomishuuf kan hojjetan ta’uu Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaa ibsan.
Jilli Injinar Taakkalaa Uumaan durfamu warshaa seeraamikii magaalaa Bishooftuutti ijaaramaa jiru daawwate.
Warshichi fuulduratti galteewwan ijaarsaa alaa galan hambisuu fi oomishaalee biyya keessaan fedhii jiru guutuu kan dandeessisu ta’uu eeraniiru.
Fuulduratti dameewwan diinagdee dhuunfaan indaastiriiwwan oomishaa akka baayyataniif kan hojjetan ta’uu kaasaniiru.
Ijaarsi warshichaa xumuramee gara oomishaatti akka seenuuf dhaabbilee qooda fudhattoota naannoo Oromiyaa waliin qindoominaan hojjechuun bu’aa isaa baatiiwwan muraasa booda ni argina jechuun gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.