Fana: At a Speed of Life!

Galteewwan albuudaa alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuuf hojjetamaa jira- Injinar Taakkalaa Uumaa

Finfinnee, Qaammee 2, 2014(FBC)- Galteewwan albuudaa alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaan ibsan.

Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaan turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin, kanaan dura xiyyeeffannoon damee albuudaaf kennamu gadi aanaa ta’uun Ityoophiyaan faayidaa damicharraa argachuu qabdu akka hin arganne taasisuu kaasaniiru.

Kana hordofee biyyattiin hanga ammaatti galteewwan albuudaa gatii mi’aa fi sharafa olaanaan biyyoota alaarraa kan galchitu ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ammaa galteewwan albuudaa biyyattii gatii guddaa baasisan kan biyya keessaan bakka buusuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu addeessaniiru.

Akka fakkeenyaatti hojiileen dhagaa cilee biyya keessatti oomishsiisuu dandeessisan hojjetamuu eeruun, bara baajataa 2015tti oomisha isaa guutummaan guutuutti kan biyya keessaan bakka buusuuf karoorri qabamuu ibsaniiru.

Kanaafis naannoo Beenishaangul Gumuzitti warshaa waggaatti dhagaa cilee toonii miiliyoona 1.6 oomishuu danda’u dhaabamuu kaasaniiru.

Bifuma walfakkaatuun oomisha  imnabaradii kan biyya keessaan bakka buusuuf hojii cimaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Oomisha seeraamikii ilaalchisee  baatiiwwan 7 booda sadarkaa alaarraa galchuu dhaabuun danda’amurra gahamuu kaasaniiru.

Oomisha sibiilaan walqabatees kan biyya keessaan bakka buusuuf gara hojiitti galamuu ibsaniiru.

Bu’uuruma kanaan hojiin bakkeewwan kuusaa sibiilaa qaban adda baasuu hojjetamuufi qorannoon bu’aa qabeessummaa gaggeeffamuufi hojiin dhaabbile gorsitootaa ramaduu xumuramaa jiraachuu eeraniiru.

Xaa’oo biyyoo alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuuf %98 akka galteetti kan tajaajilu gaazii uumamaa oomishuuf qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.