Fana: At a Speed of Life!

Galmoonni qabaman milkaa’aa jiru-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 29, 2016 (FBC)- Galmoonni wabii nyaata mirkaneessuu, sharafa alaa argamsiisuu, oomisha alaa galu bakka buusuu fi carraa hojii uumuurratti qabame milkaa’aa jiraachuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa himan.

Jilli Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Gujii Lixaatti sassaabbii qamadii Qonna Arfaasaan misoome jalqabsiisaniiru.

Naannichatti galmoonni wabii nyaata mirkaneessuu, sharafa alaa argamsiisuu, oomisha alaa galu kan biyyaa keessan bakka buusuufi carraa hojii bal’inaan uumuu milkaa’aa jira jedhaniiru.

Hawaasni Godina Gujii nageenya kabachiisuun qabeenya uumamaa qabutti fayyadamuun hojjatee waan argaterraa qusachuun gara invastimantiitti ce’uu akka qabu dhaaman.

Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu gama isaaniin naannichatti qonna arfaasaa bara kanaatiin lafti hektaarri miliyoona 1.5 oomisha gosa garaagaraan uwwifamuu himaniiru.

Naannawaa Horsiisee Bultootaatti kanaan dura horsiisa loonii malee qonni kan hinbaratamne yeroo dhiyoo asitti xiyyeeffannoo kennameen horsiisa loonii cinaatti qonna ammayyaa irratti hirmaachuun hirkattummaa deeggarsaa jalaa bahaniiru jedhan.

Naannawichatti hanqinni bishaanii furamnaan yeroo gabaabduu keessatti jijjiirama fiduun badhaadhina maatii milkeessuu dandeenya jedhaniiru.

Qonna arfaasaa bara kanaa oomisha gosa adda addaatiin uwwifamerraa callaa kuntaalli miiliyoona 28 kan eegamu ta’uus dubbataniiru.

Mootummaan naannichaa oomishatti sona dabaluurratti xiyyeeffatee hojjachaa jiraachuus eeraniiru.

Bulchaan Godina Gujii Lixaa Obbo Adulaa Hirbaayee gamasaaniin, godinichatti tarsiimoowwan fayyadamummaa hawaasa horsiisee bultootaa jijjiiran diriirsuun hojiirra oolaa jira jedhan.

Godina Gujii Lixaatti barana lafti hektaarri kuma 285 oomisha gosa garaagaraan uwwifamuu fi kana keessaa hektaarri kuma 175 kilaastaraan misoomaa jiraachuu eeramuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.