Fana: At a Speed of Life!

Galmeessa meeshaalee waraanaa gaggeessuuf qophiin xumurame

Finfinnee, Hagayya 4, 2012 (FBC) – Galmeessa meeshaalee waraanaa gaggeesuuf qophiin xumuramuu Ministeerri Nageenyaa beeksise.

Meeshaalee waraanaa seeraan alaa ittisuu fi to’achuuf jecha galmeessa meeshalee waraanaa gaggeessuuf qophiin xumuramuu Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariiyaat Kamaal dubbataniiru.

Galmichi osoo hin eegalin dura hawaasa waliin mariin kan gaggeeffamu ta’uu himaniiru.

Ityoophiyaatti akka labsii meeshaalee waraanaa seeraan alaa to’achuu fi bulchuuf ba’etti, lammiileen meeshaalee waraanaa qaban waggaa lama keessatti seera qabeessa taasisuutu irra jiraata.

Ministeerri Nageenyaa labsii kana hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu aadde Mufariyaat dubbataniiru.

Meeshaalee waraanaa seeraan alaa to’achuuf daangaalee biyyatti hundatti hojiin to’annoo cimee kan itti fufe ta’us himaniiru.

Mootummaan rakkoolee meeshaaleen waraanaa seeraan alaa qaqqabsiisan hubachuun furmaata waaraaf galmee gaggeessuuf haal duree xumuruu isaa ibsaniiru.

Sooft weeroota galmichaaf gargaaran babal’isuu, hojmaata gurmeessuu fi haal dureewwan biroo xumuramuu himaniiru.

Ta’us galmee eegaluun dura hawaasa waliin marii bal’aan kan gaggeeffamu ta’uu himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.