Fana: At a Speed of Life!

Galmeen imala Hajjii baranaa buufataalee galmee 11’tti gaggeeffama jedhame

Finfinnee, Bitootessa 4, 2015 (FBC)- Dhamaatii Hujjaajotaa hir’isuuf galmeen imala Hajjii baranaa buufataalee galmee 11tti akka gaggeeffamu ibsameera.

Ragaalee Hujjaajjotaa waggootaan 10’n darbanirratt irratti mari’atameera.

Haaluma kanaan, bufataaleen galmee 11 akka banamanii fi akkaataa barbaachisummaa isaatti baay’inni buufataalee galmee dabaluu akka danda’u ibsameera.

Galmeen imala Hajjii baraanaa guyyoota muraasa booda kan jalqabu ta’uu fi Hujjaajonni qaamaan dhiyaachuun galmaa akka qaban ibsameera.

Galmee imalichaaf paaspoortii, suuraa tokko, ragaa talaallii vaayirasi koronaa dhiyachuun erga mirkanaa’ee kaffaltiin tajaajilaa baankiin akka raawwatamu himameera.

Hujjaajota gareen (Jama’aan) imaluu barbaadaniif namoonni 50 garee tokkoon gurmaa’uun galmaa’uu akka danda’an ibsameera.

Galmeen Hujjaajjota dhalattootaa Ityoophiyaa buufataa galmee mana maree waliigalaa qofaatti gaggeeffamaa jedhameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.