Fana: At a Speed of Life!

Obbo Jawaar Mahaammadfaan abbaan seeraa nuuf yaa kaafamuun gaaffii dhiyeessan

Finfinnee, Hagayya 4, 2012 (FBC) – Obbo Jawaar Mahaammadfaan abbaan seeraa nuuf yaa kaafamuun gaaffii dhiyeessan.
 
Galmee obbo Jawaar Mahaammadfaarratti Abbaan Alangee Waliigalaa Federaalaa ragaalee qorannaan duraa dhageessisuu eegalus, obbo Jawaar Mahaammadfaan abbaan seeraa galmee keenyarraa nuuf yaa kaafamuun gaaffii dhiyeessaniiru.
 
Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddacha ramaddii Araadaa galma Lidataatti dhaga’amuun kan eegalamee ture ta’us, obbo Jawaar abbaan seeraa nuuf yaakaafamuun gaafataniiru.
 
Manni murtichaas gaafficha ilaalee, dhimmichi akka qoratamuu fi amma jajani itti laatamutti shakkamtoonni mana sirreessaa akka turanii fi xalayaan waamichaa yammuu isaan qaqqabu akka dhiyaatan ajaja dabarseera.
 
Galmeenis gara mana galmee akka deebi’u ajajeera.
 
Abbaan alangee kanaan dura galmee kanarratti ragaa namoota 5 haguuggiin duuba dhageessifachuu akka barbaadu ibsuun isaa ni yaadatama.
 
Manni murtichaas ragaaleen haguuggiin duuban yaada isaanii akka laatan eeyyamuun isaa hin dagatamu.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Taariik Addunyaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.