Fana: At a Speed of Life!

Galma ce’umsa dijitaalessa dhugoomsuuf akka hojii idileetti osoo hintaane, akka xiyyeeffannoo ijootti fudhachuun socho’aa jira – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Bitootessa 24, 2016 (FBC) – Galma ce’umsa dijitaalessuu dhugoomsuuf akka hojii idileetti osoo hintaane, akka xiyyeeffannoo ijootti fudhachuun socho’aa jirra jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.

Itiyoophiyaan imaammata “Ce’umsa Dijitaalaa 2025”, inisheetivii “Digital Ethiopia” irraa maddu boccee raawwachuurratti kan argamtu ta’uu Obbo Shimallis ibsaniiru.

Pireezidaanti Shimallis hojii Diijitaalaa hojjetamaa jiru ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Inisheetiviin “Digital Ethiopia” kun, burqaa yaada haarawaa kan ta’an, Looreetii Nagaa Addunyaa, kabajamoo Muummee Ministiraa keenya, Dr. Abiyyi Ahmadiin kan madde.

Mootummaan Naannoo keenyas, hojii dijitaalessaa (digitalization) qaama toora xiyyeeffannoo shanan, akkasumas galmoota sadan Mootummaa Naannichaa taasisee hojjechaa jira. Hojiin dijitaalessaa, hundaa’ol, galmoota misooma magaalaatiin kaa’aman milkeessuu keessatti gahee ijoo qabaachuun amanamee babal’dhifamuu irratti argama. Yaadamni ‘dijitaalessa’ magaalaa, tuuta hedduu qabaatus, inni ijoon “Smart City” umuudha. Innis, teknoolojii odeeffannoofi qunnamtii (ICT)’tti dhimma bahuun, qulqullina tajaajila mootummaa dabaluu, gahumsa sochii hojii guddisuu, ummataaf odeeffannoo dhaqqabamaa taasisuu, akkasumas, nageenya lammiilee mirkaneessuudha.

Bu’uuruma kanaan, magaalota muraasa keessatti hojiin dijitaalessuu adda ta’e jalqabameera. Jalqabbiin kun sektaroota mootummaa rakkoo kenna tajaajilaa hamaa qabaniifi madda komii ummataa tu’uun adda bahan, kanneen akka Waajjira Lafaa, Mana Qopheessaa, Investimantiifi Konistiraakshinii dijitaalessuun rakkoo kenna tajaajilaa %50 oliin hir’dhisuuf kan karoorfatee dha. Fkn, adeemsa magaalaa Adaamaa yoofudhanne, dijitaalessi sanadoota sektaroota eeramanii %90 ol, akkasumas, kenna tajaajilaa %70 ol gaheera. Jalqabbii jiruun fooyya’iinsa tajaajilaa qabatamaan argameera Amallee lafti dheeran nuhafus,. Dabalataanis, nageenya lammiilee mirkaneessuufi sochii tiraafikaa fooyyessuu magaalota kanneenii irratti bu’aa jajjabeessaa argamsiisaa jira.

MNO, galma ce’umsa dijitaalessa naannichaa dhugoomsuu akka hojii idileetti osoo hintaane, akka xiyyeeffannoo ijootti fudhachuun socho’aa jira. Adeemsa raawwii magaalota waggaa lama dura gara dijitaalessatti galan yoo ilaallu, galmi tajaajila sektaroota ijoo guutummatti gara “online”tti fiduuf qabame kan milkaa’u ta’uu agarsiisa. Haata’uutii, galmoota gooroo gama kanaan kaa’aman guutummatti milkeessuuf, hirmaannafi qophaa’ummaan qaama hundaa barbaachisaa ta’uu yaadachiisaa, MNO qaamolee galma ga’iitii imaammata kanaatiif gumaachuu fedhan kamuu waliin hojjechuuf, yeroo kamuu caalaa qophii ta’uu isiniif mirkaneessuun barbaada.

Digital Oromiyaa!

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.