Fana: At a Speed of Life!

Galii Bunaafi Shaayiirraa argamu dachaan dabaluuf hojjetamaa jira – Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii

Finfinnee, Adoolessa 27, 2016 (FBC) – Galii Bunaafi Shaayiirraa argamu dachaan dabaluuf hojjetamaa jiraachuu Daayrektarri Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii Dooktar Dabalaa Adduunyaa ibsan.

Bara kana Oomisha Bunaarraa Galiin Doolaarri biiliyoonni 1.43 argamuu eeruun,galicha dachaan dabaluuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Dooktar Dabalaan Hoggantoota naannoofi godinaa waliin ta’uun misooma baala Shaayii godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa daawwataniiru.

Godina Jimmaa, Buunoo Baddalleefi Iluu Abbaa Booraatti lafa kuma 30 irratti biqiltuun Baala shaayii misoomaa jiraachuu Itti Aanaan hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaan dubbataniiru.

Muuxannoo godinaalee kanneen keessatti argame godinaalee biroo keessatti balbal’isuuf kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.