Fana: At a Speed of Life!

Ga’eessi waggaa 52 barmeelii fannifame keessa guyyoota 73 dabarse

Finfinnee, Amajjii 20, 2012 (FBC) – Ga’eessi Afrikaa Kibbaa baatii lamaa oliif barmeelii muka meetira 25 ol fagaatu irratti fannifamee ture keessa ture galmee duraa fooyyesse.

Vaarnoon Kruugar umriin isaa waggaa 52.

Iddoo ol fagootti barmeelii fannifame keessa guyyoota 73f osoo lafa hin ga’in dabarseera.

Ga’eessichi waggaa 22 dura baarmeelii ol kaafame keessa guyyoota 52f turuun maqaasaa galmeessisee akka ture gabaasichii ni muldhisa.

Turtiisaa ammaatin ammoo guyyoota 73 irraan ga’uun galmee haaraa galmeessisuu danda’eera.

Turtiisaa kanaan nyaatnii fi bishaan lafaa ol ergamaafii tureera.

Torbanitti yeroo lamaaf ammoo barmeeluma sana keessatti qulqullina isaa ni eeggata.

Wantoota hedduu ofiisaaf gochuu dhabuu fi namarratti hirkataa ta’uun isaa xiqqoo abdii kutachiisaa akka ture ni dubbata.

Kanarra darbe barmeelicha keessa socho’uus ta’e raafuun rakkoo guddaa akka ta’e ni dubbata.

Ga’eessichi turtii barmeelii keessatti taasisu gara guyyoota 80tti guddisuuf karoora akka qabu beeksiseera.

Maddi:- Oodiitiiseentiraal

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.