Ga’een diyaaspooraa cimee itti fufuu qaba- Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa
Finfinnee, Amajjii 7, 2014 (FBC) – Ga’een diyaaspooraa garee shororkeessaan ABUT yaaddoo ta’uu hanga hin dandeenyetti cimee itti fufuu akka qabu Preezdaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa ibsan.
Miseensonni diyaaspooraa hoggantoota olaanoo naannoo Amaaraa waliin magaalaa Baahirdaaritti mari’achaa jiru.
Miseensonni diyaaspooraa gareen shororkeessaa ABUT akka rukutamuuf deeggarsi taasisan bakka olaanaa kan qabaatu ta’uu preezdaantiin naannichaa Dooktar Yiliqaal ibsaniiru.
Deeggarsi diyaaspooraan gama garaagaraan taasisu cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Dhaabbilee fi bu’uuraalee misoomaa garee shororkeessaa ABUTiin barbadaa’an deebisanii dhaabuuf deeggarsi miseensonni diyaaspooraa taasisan cimee akka itti fufu gaafachuu isaanii EBCn gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.