Fana: At a Speed of Life!

Gabaasni Sobaa Kaansarii Misoomaa fi Guddinna Biyyaati-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 8, 2016 (FBC)- Gamaaggamni raawwii hojii kurmaana 2ffaa guyyoota sadiif gaggeeffamaa ture xumurameera.

Qorannoo raawwii gaggeeffamaa tureen gabaasni hojii kilaastara misooma baadiyaa, Misooma Magaalaa, horataalee Mootummaa, Hawaasummaa, Deeggarsaa fi hordoffii dhiyaachuun hanqinaalee mudatanii fi ciminoota jiran irratti marii bal’aan gaggeeffamuun kallattii hojii fuulduraa ka’ameera.

Haaluma kanaan Pireezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa kallattii kennaniin hojiiwwan hojjetaman kamuu karaa iftoomina qabuun bu’aa irratti hundaa’uun hojjetamuu fi gabaafamuu akka qabu ibsanii, gabaasni sobaa kaansarii misoomaa fi guddinna biyyaa ta’uu akeekan.

Barana yaadama haaraa fi ilaalcha misooma waloo dhugoomsuun badhaadhina hunda galeessaa mirkaneessuuf, hojiilee bal’aa hojjechuuf karoorri xiiqii qabamee sochiin bal’aan taasifamaa jiraachuus kaasaniiru.

Hojiilee hojjetaman hundaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun kutannoo oolaanaan hojetamuu akka qabuu fi yerootti sirnaan fayyadamuun murteessaa ta’uu himameera.

Omishaaf oomishtummaa dabaluu, qulqulina qabiyyee fi bifiiyyee eeguun, hojjechuu, ariitii fi kalaqaan dabaalanii hojjechuun galma yaadame milkeessuu keessatti murteessaadha jedhan.

Kunis sadarkaa hundatti hubatamee itti fufiinsaan irratti hojjetamuu akka qabu akeekameera.

Kurmaana lamaan darbantti hojiileen bal’aan hojjetamaa turaniin kilastaraaleen shanan karoora waliin walsimsiisuun sadarkaa gaariirraa jiraatus galma qabame wajjiin yoo ilaalamu hanqinni bal’aan akka jiru kan agarsiisu ta’uun ibsameera.

Karoorri hojii akka waliigalaatti qabamu keessatti rakkoo uummataa kan furu ta’uu akka qabu, uummanni diinagdeen akka cimu taasisuu, jijjiirama jalqabame itti fufsiisuu, rakkoo kenna tajaajilaa fi bulchiinsa gaarii bu’uurarraa furuun dhimma ijoo ta’uu Pireezidaanti Shimallis ibsaniiru.

Sochii jijjiirama hunda galeessaa fiduuf taasifamu keessatti fedhii ummataa qixaan hubachuun, haala qabatamaa naannoo, Biyyaa fi Addunyaa xiinxaluun hojjechuu fi badhaadhina hundagaleessa milkeessuuf miira xiiqiitin hojjetamuu qaba jedhan

Hooggansi sadarkaan jiruu fi ogeessi gaafii ummataa qixaan hubachuun deebii dhaloota jijjiiruu danda’u kennuu keessatti haala badhaadhina hundagaleessa ta’e dhugoomsuu danda’uun karaa bilchinaa fi gahuumsa qabuun dirqama itti kenname bahachuu akka qabu Obbo Shimallis hubachiisuu ragaan Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.