Fana: At a Speed of Life!

Gabaasni sobaa Daandii xiyyaaraa irratti ba’aa jiru qaama dhiibbaa Ityoophiyaa irratti godhamuu jiruuti- Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa

Finfinnee , Fulbaana, 29 2014 (FBC)- Gabaasni sobaa Daandii xiyyaaraa irratti ba’aa jiru qaama dhiibbaa Ityoophiyaa irratti godhamuu jiruuti jedhan walitti qabaan boordii Daandii xiyyaaraa Ityoophiyaa Obbo Abbaa Duulaa Gammadaan.

Gabaasni CNN daandicha ilaalchisuun baase sobaa fi madaala isaa kan hin eegne ta’uu ibsaniiru.

Daandiin xiyyaarichaa seerota idil addunyaa eeguun kan hojjetu ta’uu fi gabaasni sobaa irratti adeemsifamaa jiru qaama dhiibbaa Ityoophiyaarratti adeemsafamaa jiruuti jedhaniiru.

Daandiin xiyyaaraa  kun mallattoo addaa biyyattiin sadarkaa idil addunyaatti ittiin beekamtu ta’uu ibsuun, gaabaasni irratti adeemsifames maqaa gaarii daandichaa balleessuun gabaa keessaa baasuuf yaalii godhame ta’uu ibsaniiru.

Yeroo Vaayrasiin koroonaa addunyaa jeeqaa ture daandiin xiyyaaraa deeggarsa maallaqaa mootummaa hin gaafanne daandii xiyyaaraa  Ityoophiyaa ta’uu eeruun, daandii bu’a qabeessa ta’ee itti fufe ta’uu isaa ibsaniiru.

Maddi:- DhPI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.