Fana: At a Speed of Life!

Gabaasni jalqabaa sarbama mirga namoomaa waraana Kaabaan walqabatee raawwatame ifoome

Finfinnee, Fulbaana 11, 2015 (FBC) –Humni Waloo Ministirootaa gabaasa jalqabaa yeroo sarbama mirga namoomaa waraana Kaabaa Ityoophiyaatti gaggeeffamaa jiruun walqabatee raawwatame ifoomse.

Humni waloo kun dhiittaa mirga namoomaa Fulbaana hanga Bitootessaa 2014 raawwate har’a ifoomseera.

Ogeeyiin 158 garee 11 hundaa’uun qorannicha gaggeessaa turuu ibsameera.

Dhiittaan mirga namoomaa naannoo Tigraayitti raawwatame sababa naannichi garee shororkeessaan qabamee jiruuf kan gaggeeffamne ta’uu fi qorannichi harki caalu naannoo Amaaraa fi Afaaritti gaggeeffamuu himameera.

Naannoo Amaaraa fi Afaaritti lammiileen nagaa kumni 2 fi 831 ajjeefamuu fi namoota 452 sarbamni mirga namoomaa daraan hamaa ta’e irra qaqqabuu gabaasichi eereera.

Namoonni 36 asbuuteen isaanii kan hin argamne ta’uus himeera.

Manneen kumni 26 fi 334 gumachuu fi midhaan kuntaalli kumni dhibbi 8 fi kumni 65 ol barbadaa’uu kaaseera.

Akkasumas Horiin Dhaabbii kumni dhibbi 4 fi kumni 11 ajjeefamuu eereera.

Buufataalee fi Hospitaaloonni kumni 2 fi 500 barbadaa’uus gabaasni jalqabaa kun himeera.

Tsaggaayee Wandasantu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.