Fana: At a Speed of Life!

Gabaasaa Aminstii Intarnaashinaal baaseen walqabatee Abbaan Alangaa Waliigalaa FDRI ilaalchaa fi argannoo adeemsise ifoomse

 

Finfinnee, Adoolessa 11, 2012 (FBC) -Gabaasaa Aminstii Intarnaashinaal baaseen walqabatee Abbaan Alangaa Waliigalaa FDRI ilaalchaa fi argannoo adeemsise ifoomse.

 

Dhaabbanni Aminstii Intarnaashinaal jedhamu Caamsaa 2012 mata duree “Beyond Law Enforcement: Human Rights Violations by Ethiopian Security Forces in Amhara and Oromia”. gabaasa mirga namoomaa baaseera.

 

Gabaasichi ba’uun walqabatee Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa koree dhimmicha adda baasu Wajjiraalee abbaa alangaa naannoolee hundaa fi qorattoota poolisii, dhaabbiilee barnootaa olaanoo fi dhaabbilee siivilii hawaasaa walitti irraa walitti babba’an qindeessuun dhiittaa mirga namoomaa gabaasichi tarreessa dhugummaan isaa akka adda ba’u taasiseera.

 

Korichi argannoowwanii fi qabiyyee gabaasichaa ilaalchisuun hoggantoota olaanoo Aministi Intarnaashinaalaa waliin marii taasisuun abbaa alangaa waliigalaa gaaffii dhiyeessee kan turee fi gaaffii kunis dhaabbaticha kan ga’e ta’uun hanga ammaatti deebii quubsa argachuun hin danda’amne.

 

Hogganumaa Abbaa Alanagaa Waliigalaa Federaalaan kan gaggeeffame hojiiin adda baasuu gabaasaa Aministi Intarnaashinaala mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf tarkaanfiiwwan fudhate hunda dhiittaa mirga namoomaa gochuun kan fudhatee, madaaliin ragaa kan itti hanqatu,  haala biyyattin keessa jirtu kan hin madaallee fi rakkoowwan biro kan qabudha.

 

Haata’uutii, gaabasni Aministi Intarnaashiinaal baasee kun amanamummaa kanaan duraa qabu irraa adda kan ta’edha. Gabaasni Aministi Intarnaashinaal ammaan kana baase kun gabaasa mirga namoomaa otuu hin taane, qajeelfamaa fi ulaagaa qophii kan hin guutnedha.

 

Gaabsichi walabummaan kan itti hanqatuu fi amanummaa kan hin qabnee akkasumaas hokkaraa fi rakkoolee nageenyaa irratti xumura doggoggoorra kan ga’udha.

 

Gaabsichi adeemsa olaantummaa seeraa kabachiisurratti tarkaanfiiwwan fudhataman hunda dhiitta mirga namoomaa taasisuun dhiyeessuf adeemsi taasise dhimmoota lafarra hin jirre akka jirutti fakkeessuun kan dhiyaate ta’uudha.

 

Aministi Intarnaashiinaal fuulduratti mootummaa waliin kan jiraatu tumsa gaarii fi  hariiroo hojiif jecha qophii gabaasicha kanaa ilaalchisuun qorannoo keessoo akka taasisuu fi akka ilaalu waamicha ni dhiyeessina.

 

Gabaasicharratti doggoggorri akkasii kan uumamu yoo ta’ellee mootummaan kan eegale hojii itti gaafatamummaa mirkaneessu cimsee itti fufa.

 

Ityoophiyaa keessatti mirgi namoomaa caalumatti akka kabajamuuf akka biyyaalessatti ta’ee sadarkaa idila addunyaatti dhaabbilee mirga namoomaa fi qaamoolee dhimmi ilaalatu waliin tumsa waliin taasisu cimsee itti fufa.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.