Fana: At a Speed of Life!

Gabaasa vaayrasii koroonatiin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 689 vaayrasichaan qabamaniiru

Finfinnee, Fulbaana 11, 2013 (FBC) – Gabaasa vaayrasii koroonatiin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 689 vaayrasichaan qabamaniiru.
 
Gabaasa sa’aa 24 kaleessa galgala ba’een namoonni 375 ammoo dandamataniiru.
 
Gabaasichaan qorannaan laabraatoorii 8023 kan hojjetame yoo ta’u, 689 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
 
Haaluma kanaan waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni 68,820 vaayrasichaan qabamaniiru.
 
Waliigalaan hanga ammaatti kan dandamatan 28,314 qaqqabeera.
 
Gabaasa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 7 kan darbe yoo ta’u, waliigalaan namoonni 1096 lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Namoota vaayrasichi irratti argamu 39,408 keessaa 290 hordoffii wallaansa cimaa keessatti argamu.
 
Ityoophiyaan waliigalaan qorannaa laabraatoorii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 2 fi kuma 2 fi dhibba 818 hojjetteetti.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.