Fana: At a Speed of Life!

Gabaasa qorannaa sa’aa 24tin namoonni 339 vaayrasii koroonaatin yoo qabaman, 7 lubbuu isaanii dhabaniiru

Finfinnee, Sadaasa 8, 2013 (FBC) Gabaasa qorannaa sa’aa 24tin namoonni 339 vaayrasii koroonaatin yoo qabaman, 7 lubbuu isaanii dhabaniiru.
Qorannaan laabraatoorii samuudaa namoota 3778 kan hojjetame yoo ta’u, 339 vaayrasichaan qabamaniiru.
Namonni qorannaadhan vaayrasichi irratti argame 103395 qaqqabuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
Waliigalaan namoonni 1588 lubbuu isaanii vaayrasichaan dhabaniiru.
Gabaasa sa’aa 24tin 163 kan dandamatan yoo ta’u, waligalaan kan dandamatan 64293 qaqqabeera.
Hanga ammaa namoota miiliyoona 1569999 qorannaan taasifameera.
Amma vaayrasichi kan irra jiru namoota 37512 yoo ta’u, 320 wallaansa cimaa hordofaa jiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.