Fana: At a Speed of Life!

Gabaasa qorannaa sa’aa 24tin namoonni 131 vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa’e

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2012 (FBC) –Ityoophiyaatti gabaasa qorannaa sa’aa 24tin namoonni 131 vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa’e.
 
Sa’aa 24 darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 3238 hojjetamee, namoonni 131 vaayrasichaan qabamuun mirkanaa’era.
 
131 keessaa 94 dhiirota, 37 dubartoota yoo ta’an umriin isaanii waggaa 2 hanga 80 ta’uu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.
 
130 lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, 1 lammii biyya alaati.
 
98 Finfinneerraa, 16 nananoo Oromiyaarraa, 4 naannoo Somaaleerraa, 3 Afaar, 3 Dirree Dawaa, 3 Kibbarraa, 2 Gaambeellaarraa, 1 naannoo Amaaraarraa, 1 naannoo Tigraayirraayi.
 
Namni 1 boqachuu isaatin booda qorannaa reeffaa taasifameen vaayrasichi irra jiraachuun barameera.
 
Amma ammaattis waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni 75 vaayrasichaan lubbuun isaanii darbuun ibsameera.
 
Ityoophiyaatti waliigalaan lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 4663 qaqqabeera.
 
Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 3,289.
 
Wallaansa hordoffii cimaa keessa kan jiran 38, har’a kan dandamatan 84, waliigalan dhibee vaayrasicharraa kan dandamatan namoota 1297.
 
Vaayrasichi Ityoophiyaa seenun ega mirkanaa’ee kaasee hanga ammaatti qorannaawwan laabraatoorii 219,566 hojjetameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.