Fana: At a Speed of Life!

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 amma kaleessatiin Ityoophiyaatti namoonni 704 vaayrasii koroonaatin qabamaniiru

Finfinnee, Adoolessa 13, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 amma kaleessatiin Ityoophiyaatti namoonni 704 vaayrasii koroonaatin qabamaniiru.
 
Gabaasichaan namoota 7,334 qorannaan samuudaa laabraatoorii hojjetameera.
 
Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisetti Ityoophiyaatti namoota 10,207 qorannaan gaggeeffameera.
 
Namoota vaayrasichi irratti argame keessaa 551 Finfinneerraa, 39 Tigraayirraa, 30 Oromiyaarraa, 26 Gaambeellaarraa, 3 Afaarirraa, 3 Harariirraa, 10 Dirree Dawaarraa, 3 Soomaaleerraa, 21 Amaaraarraa, 11 Sidaamaarraa, 5 Beenishaanguul Guumzirraa, 2 Kibbarraayi.
 
Lubbuun namoota 3 kan darbe yoo ta’u, waliigalaan lakkoofsi namoota dhibichaan lubbuu isaanii dhabanii 170 qaqqabuu ministeerichi beeksiseera.
 
Kaleessa namoonni 196 kan dandamatan yoo ta’u, waliigalaan kan dandamatan 5,137 qaqqabuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksiseera.
 
Amma ammaatti namoota 331,266 qorannaan laabraatoorii kan hojjetame yoo ta’u, waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 10,207 qaqqabeera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.