Fana: At a Speed of Life!

Gabaasa Qaama Raawwachiisaa dhiyaate keessatti raawwii hojii gama Hawaasummaatiin jiru ilaalchisee

Finfinnee, Adoolessa 18, 2012 (FBC) – Gabaasa Qaama Raawwachiisaa dhiyaate keessatti raawwii hojii gama Hawaasummaatiin jiru ilaalchisee.

Bara 2012tti barattoota miiliyoona 11.1 simachuuf karoorfamee, barattoonni miiliyoona 10.6 (%96.4) carraa barnootaa argatanii kan barachaa jiran yammuu ta’u; kanneen keessaa miliyoona 4.8 barattoota shamarraniiti.

Akkasumas, barnoota fedhii addaatiin barattoota kuma 82.4 bira ga’uun danda’ameera. Sirna barnootaa bu’uurarraa fooyy’essuuf kitaaboota miiliyoona 22.7 maxxansuuf karoorafamee, mil 22.5 (%99.2) maxxansiisuun; miiliyoona19.2 (%85) raabsamaniiru.

Akkasumas, daa’imman Oromoo iddoo jiraniiti afaan dhaloota isaanii afaan Oromootiin akka barataniif Magaalota Finfinnee, Dirree Dawaa, Naannoolee Beenishaangul Gumuz, Gaambeellaa, Harariifi Naannoo Amaaraa Godina addaa Oromoo Kamiseetiif akka raabsamu ta’ee jira.

Sababa weerara dhibee COVID-19n walqabatee, Bitooteessa 2012 irraa eegalee manneen barnootaa kan cufaman waan ta’eef, barattootni barnoota irraa akka hin fagaanneef qe’ee isaanii ta’anii sagantaa barnoota raadiyootiin, teelegraamiin, teeleviinii fi mala qunnamtii adda addaatiin barnoota isaanii hanga tokko akka hordofan kan taasifameera.

Bara kana keessatti haadholeen tajaajila da’umsa duraa argachuu qaban miiliyoona 1.3 karoorfame keessaa hunduu tajaajila kan argatan yommuu ta’u, qulqullina tajaajila da’umsa duraa eegsisuuf deddeebiin kunuunsi dahumsa duraa yeroo 4ffaa haadholee kuma 855.5 (%63.4)f kennamee jira.

Akka Oromiyaatti, hanga gabaasni kun qindaa’etti Adoolessa 12 bara 2012tti qorannoon laaboratoori dhibee COVID -19 gaggeeffame 29,321 kan gahe yommuu ta’u, kana keessaa namootni dhibee vaayirasii koronaan qabaman 513, namootni 185 dhukkubicha irraa kan bayyanatanii fi namootni 12 immoo lubbuun isaanii dhibee kanaan kan darbeera.

Gama birootiin, kunuunsaafi deeggarsa daa’immanii ilaalchisee, daa’imman maatii hinqabne balaa tasaa fi rakkoo adda addaaf saaxilaman kunuunsa barbaachisaa akka argatan gochuuf, sosochii hawaasaa uumuun hojjetamaa tureen, daa’immaan daandii irratti rakkatan akka deeggarsa argatan taasisuu bira darbee maatii hayyamamaa ta’an qopheessuun daa’imman 1,245 (%76) deeggarsa maatii imaanaa, daa’imman 1,154 (%73) guddifachaa biyya keessaan akka jiraatanii fi kaan immoo gara maatii isaaniitti akka deebi’uu danda’aniif hojjetamaa tureera.

Bara kana ayyaanni irreechaa hora Finfinnee jaarraa tokkoo fi walakkaa oliif addaan citee ture deebisuu fi karaa duudhaa fi sona isaa ganamaa eeggateen sabaa fi sablammoonniifi ummaanni Oromoo miiliyoonaan lakkaa’amu bakka hirmaatetti sirna ho’aa ta’een kan kabajame yommuu ta’u, sirni Irreechaa kun hambaa idil-addunyaa ta’ee UNESCOtti akka galmaa’uufis hojjetamaa jira.

Akkasumas, Finfinnee keessatti piroojeektootni ijaarsa Mana Barumsa Aartii Oromoo, Mana Leenjii Nyaataa Aadaa Oromoofi Mana Oomisha Meeshaalee Aadaa Oromoo jalqabee ijaarsi isaanii giddu galeessaan %25 irra gahee jira.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.