Gaazexeessitoonni Piroojektoota magaalaa Finfinnee daawwachaa jiru
Finfinnee, Onkololeessa 17, 2015(FBC)- Gaazexeessitoonni miidiyaalee garaagaraarraa walitti babba’an Piroojektoota garaagaraa magaalaa Finfinnee keessatti hojjetamaa jiran daawwachaa jiru.
Kaayyoon daawwannichaa piroojektoota jalqabbii, ijaarsarra jiraniifi ijaarsi isaanii xumuramaa jiru uummanni akka daawwatu taasisuu ta’uu ibsameera.
Piroojektoonni daawwataman bakka dhaabbii konkolaataa Masaraa Mootummaa, Mana Tiyaatiraa Daa’immaniifi Dargaggootaa, bakka dhaabbii konkolaataa Yakkaa Lakk.2, Piroojektii bal’ina Hospitaala Zawdituufi Giddugala Gabaa Kolfee ta’uu eerameera.
Piroojektiiwwan maagaalichatti hojjetamaa jiran kunneen imala badhaadhinaa biyyattii kan saffisiisanidha jedhameera.
Addisuu Mulunahitu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.