Gaazexeesaan Lammii Faransaay tibbana to’annoo jala kan oole badii dhuunfaan raawwateeni – TKM
Finfinnee, Guraandhala 20, 2016 (FBC) – Gaazexeesaan Lammii Faransaay Antuwaan Galeendoon tibbana to’annoo jala kan oole badii dhuunfaan raawwateen shakkamee ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa ibse.
Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa haala yeroo ilaalchisee ibsee kenneera.
Gaazexeesaan Lammii Faransaay Antuwaan Galeendoon
Tibbana to’annoo jala kan oole badii dhuunfaan raawwateen shakkamee ta’uu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Salamaawiit Kaasan ibsaniiru.
Gaazexeessaan kun Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 37ffaa gabaasuuf gara Itiyoophiyaa kan dhufe ta’us, kaayyoo dhufeef ala hojiilee biroo fi dhimma keessoo Itiyoophiyaarratti odeeffannoo walitti qabaa waayita jiru Guraandhala 14, 2016 to’atamuu himaniiru.
Gaazexeessaan kun kaayyoo dhufee fi eeyyama argateen ala dhimmoota Sodaa biyyaaleessaa ta’an irratti bobba’uun argamuu isaan to’atamuu himaniiru.
Dhimmi isaas Mana Murtiin ilaallamaa jiraachuu dubbataniiru.
Yaa ta’uutii dhimmicha ilaalchisee odeeffannoon miidiyaalee hawaasummaan tatamsaa’aa jiru dhugaarraa kan fagaate ta’uu kaasaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.