Fana: At a Speed of Life!

Gaazaatti dhiyeessiin deeggarsa namoomaa akka itti fufuuf BRICS gaafate

Finfinnee, Sadaasa 12, 2016 (FBC)- Deeggarsi namoomaa Gaazaarraa addaan cite “saffisaa fi waarinaan” akka itti fufuu fi rakkooleen jiran mariin akka furaman biyyoonni miseensa gareen “BRICS” waamicha dhiyeessaniiru.

Biyyoonni garichaa Barreessaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareeziin kan hirmaachise marii Waraana Israa’eel-Hamaas irratti xiyyeeffate gama marsariitiin kaleessa gaggeessaniiru.

Marichaan booda Biyyoonni miseensaa Ibsa waloo baasaniin yeroo ammaa haalli namoomaa Gaazaa hedduu yaaddessaa ta’uu ibsan.

Biyyoonni miseensa garichaa haleellaan lammiilee nagaa Filisxeemii fi Israa’eel irratti raawwatamu yakka waraanaa ta’uun eeruun gochicha balaaleffataniiru.

Haaluma kanaan waraanicha hordofee nageenyii fi mirgi namoomaa lammiilee ugguramanii eegamee haalduree tokko malee hatattamaan akka gadi lakkifaman gaafataniiru.

Bu’uuraa seeraa fi sadarkaa idil addunyaan waraanaa Israa’elii fi Hamaasiin miidhaan qaqqabe qaamaa walabaan akka qoratamuu fi itti gaafatmummaan akka mirkanaa’uu gaafachuun ANI’n gabaaseera.

Seerri mirga namoomaa idil addunyaa akka kabajamuu fi lammiilee naannawaa waraanaatti argamaniif deeggarsi namoomaa akka dhiyaatu gaafataniiru.

Rakkoo jiru mariin furuu fi nagaa buusuuf akka hojjetan biyyoonni miseensa ‘BRICS’ waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.