Fana: At a Speed of Life!

Gaambeellaatti daangessi yeroo labsame

Finfinnee, Adoolessa 7, 2014 (FBC) – Magaalaa Gaambeellaatti haala yeroon walqabatee sochii seeraan alaa to’achuuf daangeffamni sa’aatii labsamuu Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannichaa beeksise

Itti Gaafatamaan Biirichaa Obbo Ugutuu Adingi akka ibsanitti, kanaan duraa Magaalaa Gaambeellaatti rakkoo nageenyaa mudateen walqabtee naannichatti daangeffamni yeroo labsamuu yaadachiisaniiru.

Haa ta’u malee, nageenyaa hawaasaaf yaadamee daangeffamni sa’aatii labsameerratti hanqinni mul’achuu ibsaniiru.

Waan ta’eef, sochi namootaa fi konkolaattotaa magaalichaa adda baasuun galgala keessaa sa’aatii 2:00 jalqabee hanga ganama sa’aatii 11:30’tti daangeffamni yeroo labsamuun hojiirraa ooluu ibsaniiru.

Daangeffamni sa’aatii konkolaattota ambulaansii fi kan qaamolee nageenyaa kan hinilaallanne ta’u eeraniiru.

Yeroo ammaa Magaalaan Gaambeellaatti haalli nagaan jiraachaa kan eeran Obbo Ugutuun, qaamoleen nageeyaa sadarkaan jiraniin eegumsi taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Tattaaffii nageenya magaalichaa mirkaneessuuf qaamoleen nageenya taasisan, hawaasni gurmaa’uun eeruu kennuun tumsa akka taasisu waamicha dhiyeessuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.