Fana: At a Speed of Life!

Gaagurri ammayyaa kuma 600 ol qonnaan bultoota bira qaqqabeera-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Bitootessa 5, 2016 (FBC)- Hanga baatii darbeettii Gaagurri ammayyaa kuma 600 ol qonnaan bultoota bira qaqqabuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis, gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin kaayyoo gooroon mootummaa jijjiiramaa biyya badhaate dhugoomsuudha jedhan.

Kaayyicha milkeessuufis hammattoo ilaalcha dinagdee Adunyaawaa fi dorgomaa ta’e ijaaruu kan hordofu ta’uu himanii gama qonnaatiin, hanga ammaatti inisheetivoota 27, dilbii haala qilleensaa qonnaaf mijataa naanniichaa giddugaleeffateen hojiitti hiikaa jiraachuu eeran.

Inisheetivii misooma dammaan “Labsii Jimmaa” dhaadannoo “Oromiyaa galaana dammaa ni taasisna” jedhuun bara 2013 Magaalaa Jimmaatti labsame tokko ta’uu yaadachiisaniiru.

Inisheetiviin kananan, gaagura ammayyaa fi beekumsa horsiisa kanniisaa saayinsaawaa ta’e babal’isuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, hanga ammaatti aanaalee 175 godinaalee 15 keessatti argamanitti babal’ateera jedhan.

Bara 2015 gaagura ammayyaa kuma 345 qonnaan/horsiisee bultootaaf dhiyeessuun damma toonii kuma 86 omishamuu kaasanii, baranas, karoora gaagura ammayyaa miiliyoona tokko qonnaan/horsiisee bultoota kuma 200 ol biraan gahuun dammaa toonii kuma 113 fi 921 fi gagaa toonii kuma 7 ol oomishuuf qabame, haala gaarii irrarra jiraachuu ibsaniiru.

Hanga ji’a darbeetti, gaagurri ammayyaa kuma 600 ol qonnaan bultoota bira kan qaqqabe yoo ta’uu, yeroo hafu keessattis karoorri qabame guutummaatti akka milka’uuf xiyyeffannaan kan hojjetamu ta’uu akeekaniiru.

“Inisheetiviin misooma dammaa hammattoo laalchaa adunyaawummaa fi dorgomummaa jedhuun masakamee, al-ergii naannoo keenyaa daneessuu fi heddummeessuu irratti shoora guddaa bahachaa jira” jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.