Fana: At a Speed of Life!

Gaaffileen ummatarraa ka’an deebii akka argataniif nageenyaaf dursa kennuun barbaachisa-Obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Mudde 18, 2016 (FBC)-Gaaffileen ummatarraa ka’an deebii akka argataniif nageenyaaf dursa kennuun hojjechuun barbaachisaa ta’uu Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoon dubbatan.

Raawwii baatiiwwan lamaan darbanii Koreewwan Dhaabbi Mana Marichaa, koree qindeessitootaa waliin ta’uun qoratameera.

Waltajjicharratti Obbo Taaggasaa Caafoon akka jedhanitti, bu’uura waan hundaa kan ta’e nageenyarratti xiyyeeffannaan hojjechuu akka barbaachisuu fi hunduu tumsa taasisuu qaba.

Gaaffilee qaal’iinsaa jireenyaa, bulchiinsa gaarii fi kanneen biroo ummatarraa ka’u deebii akka argataniif nageenyaaf dursa kennuun hojjechuun barbaachisaa ta’uus eeraniiru.

Kanaafis gumaacha olaanaa kan qabu waltajjiin marii biyyaalessaa hatattamaan akka hojiitti seenuuf deeggarsa barbaachisaa taasisuun murteessaa ta’uu himan.

Afyaa’ii Ittaantuun Mana Marichaa Aadde Loomii Badhoon gama isaaniin, jijjiiramoota deeggarsaa fi hordoffiin dhufan qorachuun hojmaanni ittigaafatamaa mirkaneessu akka jiraatu taasisuun murteessaadha jedhan.

Wabii nyaataa mirjkaneessuun nageenyaaf gumaacha olaanaa akka qabu ibsuun fuulduratti xaa’oon biyyee fayyadamtootaaf sirnaan dhiyaachuun ilaalamuu akka qabu himan.

Qaala’iinsi jireenyaa akka hir’atuuf gumaachi waldaalee hojii gamtaas olaanaa waan ta’eef, irratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu akeekaniiru.

Koreewwan dhaabbii mana marichaa hojiilee to’annoo fi hordoffii isaaniin nageenyaa ilaalchisee ilaalchaa biyyaalessummaa ijaarurratti hojiileen tokkoon tokkoo dhaabbilee qoratamuu akka qabu dubbachuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.