Fana: At a Speed of Life!

Gaaffilee ummataaf deebii gahaa kennuun egeree fooyya’aa uumuuf kutannoon hojjetama-Dooktar Iyyoob Takkaalinyi

Finfinnee, Guraandhala 7, 2016 (FBC)- Gaaffilee ummataarraa ka’aniif deebii gahaa kennuun egeree fooyya’aa uumuuf mootummaan kutannoon hojjechaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyi dubbatan.
 
Bulchiinsaa Magaalaa Dirree Dhawaatti marii ummataa gaggeeffamerratti hojiilee bu’uuraalee misoomaa diriirsuu fi kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuuf mootummaan xiyyeeffannaa caalu kennuun gaaffii ummataaf deebiin kennuu qaba jechuun hirmaattota waltajjichaarraa yaadni ka’eera.
 
Tasgabbii Magaalaa Dirree Dhawaatti mul’atu naannawaalee biroof fakkeenya ta’uu kan kaasaan hirmaattoonni, kunis bu’aa hoggansi ummata waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuti jedhaniiru.
 
Muuxannoo gaarii magaalattis naannoleen biroon qooddachuu akka qaban kaasan.
 
Marii kanaan gaaffilee ka’aaniif bulchiinsi magaalichaa fi mootummaan federaalaa sadarkaan furmaataa kennuuf kutannoon kan hojjetu ta’uun ibsameera.
 
Yismaawu Adaraawutu gabaase.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.