Gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii deebisuuf hooggansi hojii isaa ariitii fi kalaqaan raawwachuu qaba- Dooktar Yiliqaal Kaffaalee
Finfinnee, Waxabajjii 9, 2015 (FBC)-Nannoo Oromiyaatti waltajjiin marii hooggansa ol’aanaa fi giddugaleessaa “Dhugaa waloo, kalaqaa fi ariitiin dhugoomina mootummaa interpiriiniyeraaf” jedhuun gaggeeffamaa ture xumurameera.
Xumura waltajjicharratti Miseensi Koree Hoji Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa DooktarYiliqaal Kaffaalee, gaaffiilee uummataa gama misoomaa fi bulchiinsa gaariitiin jiru qixaan deebisuun imala badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf hooggansi sadarkaan jiru hundi hojii isaa ariitii fi kalaqaan dabaalee raawwachuu qaba jedhaniiru.
Miseensi Koree Hoji Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Itti Gaafatamaan Wajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa gama isaaniin, Itoophiyaa badhaatuu hunda mijattuu, kan hundi fi walqixxummaan keessa jiraatan ijaaruudhaan mul’ata qabame galmaan gahuuf dhugaa waloo mirkaneessuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Hooggansi badhaadhinaa milkaa’ina mul’ata biyyaatiif qophaa’ummaa ol’aanaan hojjachuu akka qabu dhaamaniiru.
Waltajjichi kallattiiwwan hojii ittaanuu kaa’uun xumuramuu ragaan kominikeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.