Fana: At a Speed of Life!

Gaaffilee Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa dhiyaatan keessaa muraasa:

• Sababni milkaa’uu dhabuu adeemsa marii ABO Shanee waliin taasifamee maali?

• Qaamoleen mootummaa keessaa gareewwan hidhatamii nageenyaa biyyatti booressan waliin kannen hojjetanirratti tarkaanfiin fudhatamaa jiru maali?

• Seenessii walbuusaa qajeelchuun fi seenessii waloo ijaaruuf hojiilee hojjetamaa jiraan irratti ibsii utuu kenname?

• Mootummaan abbaa irree ta’aa jira kan jedhamuuf deebii maalii qabdu?

• Faayyaalessuummaa Diinagdee Gooroo sadarkaa irraa jiru maal fakkaata?

• Qaala’iinsa gatii to’achuuf imaammata maallaaqaa ba’een, bu’aan qabatamaa fi jijjiiramni dhufe maali? Qaal’aiinsa gatii tasgabbeessuu danda’eera?

• Itiyoophiyaan dhala gurgurtaa boondii kaffaluu hindandeenye hamii jedhamuurratti ibsi utuu kenname; liqaa alaa kaffaluuf hojiileen hojjetamaa jiran maali?

• Raabsaa xa’oo irratti hannaa mul’atuu fi kontirobandii xaa’oo hambisuuf maaltu hojjetamaa jira?

• Daddabarsa maallaqaa seeran alaa misooma biyyattiirratti dhiibba akka hinuumne maaltu hojjetamaa jira; to’annoo isaafis kallattiin kaa’ame maali?

• Itiyoophiyaan qajeeltoo kennanii fudhachuu bu’uureffateen waliigalteen karra galaanaa argachuu Somaaliilaandii waliin gaggeeffame, biyyoonni naannawaa Baha Afrikaa akka deeggaraniif mariin gaggeeffame fi qindoominnii jiru maal fakkaata? Haala qabatamaa naannawichaa, Somaaliyaa, Somaaliilandii fi Gaanfa Afrikaatti mul’atuun, hojiileen dippiloomaasii bal’aan mootummaan hojjechaa jiru maali?

• Rakkoolee hongee naannawaalee biyyattii garaagaraatti mul’atuuf gama mootummaan deeggarsa taasifamaa jiruurratti ibsi dabalataa utuu kenname?

• Taphoonni ispoortii jirra babal’achuun, rakkoo hawaas-diinagdee fi siyaasaa kan geessisu ta’uun taphoonni jirraa dhiibbaa qaqqabsiisuu mootummaan akkamiin ilaala? Xiyyeeffannaan addaa kenname maali?

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.