Gaaffiiwwan dameewwan Barnootaa, Fayyaa, diinagdeefi biroorratti ka’aniif tibbana deebiin ni kennama- WMM
Finfinnee, Bitootessa 8, 2017 (FMC) – Gaaffiiwwan dameewwan Barnootaa, Fayyaa, diinagdeefi dameewwan oomishtootaa biroorratti ka’aniif turban kana keessa deebiin kan itti kennamu ta’uu Waajjirri Ministira Muummee beeksise.
Deebiifi ibsi hoggantoonni garaagaraa dhimmoota kanneen irratti kennan turban kana keessa kan dhiyaatan ta’uu waajjirichi eereera.
Waajjirichi Bitootessa 1, 2017 dameewwan Barnootaa, Fayyaa, diinagdeefi oomishaa irratti uummanni gaaffii qabu karaa marsaritii isaan akka dhiyeessu gaafachuun kan yaadatamudha.
#Oromia #Ethiopia