Fana: At a Speed of Life!

Gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaa waqtaawaa fi fedhii Loojistiiksii tilmaama keessa kan galche jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2016 (FBC) –Gaaffiin Karra galaanaa Itiyoophiyaa waqtaawaafi fedhii loojistikii guddachaa dhufe tilmaama keessa kan galche ta’uu Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Maaritaayimii Itiyoophiyaa Abduulbar Shaamsuu ibsaniiru.

Geejjibni galaanaarraa addunyaa irratti seenaa dheeraa kan qabu yoo ta’u, akka lafee dugdaa daldala addunyaatti ilaalama jedhan.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, ibsa dhiheenya miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf kennaniin, karra galaanaa argachuun qofti guddina oomishaa biyya tokkoo dhibbeentaa 25 hanga 30 akka dabalu qorannoon Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan mul’isu ta’uu himaniiru.

Itiyoophiyaan daldala alaa % 90 karaa karra galaanaa Jibuutii kan raawwatattu eeruun, sababa karra galaanaa dhabuu isheen waggaatti kiraa buufata Dooniif Doolaara biiliyoona 1.6 kan baaftu ta’uu kaasaniiru.

Yeroo ammaa Itiyoophiyaan Dooniiwwan hunda galeessa ta’an 9 fi kan boba’aa fe’an 2’n daladala ala ergiifi alaa galchii hojjechaa jiraachuu Daayrekatarri Olaanaan Maaritaayim Itiyoophiyaa Abduulbaar Shamsuun dubbataniiru.

Yaa ta’uutii Karra Galaanaa dhabuurra kan ka’e damee Loojistiksiirratti gufuu guddaan uumamuu hubachiisaniiru.

Karra Galaanaa dhabuun oomishaaleen yeroo gabaabaa keessatti ajaajila ala ta’uu danda’an qulqullina isaanii eeggatanii gara alaatti akka hin ergamne dhiibbaa uumuu kaasaniiru.

Kunis daldala Alaa dorgomaa ta’uurratti dhiibbaa uumuu himaniiru.

kunis qaala’insa gatii uumuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Tattaaffiin Itiyoophiyaan karra galaanaa argachuuf taasiiftu milkoofnaan baasii loojistiksii salphisuun guddina diinagdee dabaluuf shoora olaanaa qabaachuu Obbo Abduulbaar himuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.